AMN PLUS- Amajjii 8/2018
Magaalaa Finfinneetti abbaa qabeenyaa invastimantoota garaa garaa kan ta’an Obbo Gamshuu Bayyanaa “Hojiin misooma Kooriidarii yeroo jalqabamu sodaannee kan turres ta’u, aadaa hojii 24/7 nu barsiise” jedhan.
Obbo Gamshuun turtii AMN PLUS waliin taasisaniin, waggoota muraasa dura hojiin misooma kooriidarii halkan yeroo eegalu, hojjattoota bobbaasanii qofaa dhiisuurra ofiis hamma halkan walakkaatti hojjachuu fi jajjabeessuun aadaa halkan guutuu hojjachuu akka isaan barsiise eeruun, “Hojjannaan ni danda’ama” yaada jedhu akka fides ibsaniiru.

Hojjataan halkan dhaabbatee hojjachuu isaa irratti shakkiin guutamanii akka turan kaasuun, yeroo jalqabamu garuu hojjataan waajjiraa illee isaan faana dhaabbachuun milkaa’inni itti argamuu dubbataniiru.
Obbo Gamshuun Mootummaa jijjiiramaan dura anaga’ootni turan caalbaasii irraa fuudhuun deebii akka kennaa hin turre kaasuun, “kanneen fuudhanii nu ari’aa turan, kuni siif hin ta’u mana keetti galii taa’i” jedhan akka turan yaadachiisaniiru.
Riiforrmiin diinagdee Itoophiyaan fudhatte, abbootiin qabeenyaa biyya alaa akka dhufan kakaasuu kan himan Obbo Gamshuun kanaafis biyyattiin gahumsa invastimatii babal’isuu fi haala mijaataa uumaa jiraachuu himaniiru.

Gama biraan, carraawwan invastimantii garaa garaan lammiilee 1,500 caalaniif hojii akka uuman kan ibsan abbaa qabeenyaa kan ta’an Obbo Dirribaa Dafarshaa Jijjiiramaan booda hojiiwwan gurguddaa hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.
Carraawwan invastimantii akka daandii fi biroo irratti daangaa tokko malee bobba’uun hojjachaa akka jiran kaasuun waggaa 7 dura garuu, mootummaan dameewwan invastimantii olaantummaan to’achuun garee barbaade muraasa qofaaf haala mijeessaa akka ture yaadachiisaniiru.
“Carraan invastimantii itoophiyaatti uumame invastaroota alaa illee hawwataa jira” kan jedhan Obbo Dirribaan gara fuulduraattis hojiilee isaanii babal’isuun biyyaa fi uummata isaanii akka tajaajilan dubbataniiru.

Hariiroon mootummaafi abbooti qabeenyaa jidduu jiru haala gaariin fooyya’uu kan kaasan abbootiin qabeenyaa kunneen gahumsoota invastimantii Itoophiyaan qabdu daran babal’isuun abbootii qabeenyaa fi lammiilee biyyattii wajjin hojjachuun guddina biyya isaanii tumsuu akka itti fufan ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e