Itoophiyaan faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuuf akkasumas maqaa gaarii biyyaa addunyaatti beeksisuuf bu’aawwan teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun diippiloomaasii dijitaalaatiif xiyyeeffannoo addaa kennitee hojjechaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.
Daayirektarri Diippiloomaasii Dijitaalaa Ministeera Dhimma Alaa, Obbo Silaabbaat Mannaayyee, akka jedhanitti, diippiloomaasii dijitaalaan faayidaa biyya tokkoo tiksuuf karaa tarsiimoo (istraateejii) fayyadamuun meeshaa murteessaa ta’ee hojirra oolaa jira.
Sadarkaa biyyaatti karoora ‘Digital Ethiopia 2025’ hojiirra oolchuun, hojiilee diippiloomaasii dijitaalaatiif haala mijataa uumuu isaa yaadachiisaniiru.
Akkasumas, ‘Digital Ethiopia 2030’ tarsiimoon babal’ina bu’uura misoomaa irratti xiyyeeffachuun waan hojjetamuuf, damee kanaaf carraa guddaa fida jedhaniiru.
Itoophiyaan giddugala gahumsa Artificial Intelligence (AI) Afrikaa ta’uuf imala taasisaa jirtu, diippiloomaasii dijitaalaa daran deeggaruu akka danda’u eeraniiru.
Fuulduratti tajaajilamtoonni karaa Artificial Intelligence konsoolaatti qaamaan deemuu osoo hin barbaachisin, bilbila isaanii qofaan tajaajila argachuu akka danda’an sirni ni diriira jedhanii ibsaniiru.
Yeroo Muummichi Ministeeraa Hindii, Naareendiraa Moodii, Itoophiyaa daawwatanitti ijaarsi giddugala daataa ifa taasifame, diippiloomaasii dijitaalaa caalaatti cimsuu akka danda’u dubbatani
Itoophiyaan biyya diippiloomaasii hedduu qabaachuun filatamummaa kan qabdu ta’uu kaasuun, biyyattiin giddu-galeessa Bahaa fagoo Eeshiyaa fi Awurooppaa gidditti kan argamtuufi akkasumas galaana Diimaatti dhihaachuu isheetiin diippiloomaasii cimaa akka qabaatu ishee taasisuu ibsaniiru.
Hojii diippiloomaasii tuurizimii illee karaa diippiloomaasii dijitaalaa hojjetamaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.
Akkasumas bakka tuurizimii yaada Muummicha Ministeera Abiyyi Ahmad (PhD) tiin hojjetaman karaa dijitaalaa addunyaatti beeksisuun fakkeenyaaf kaasaniiru.
Jaarraa 21ffaa keessatti, dorgommii odeeffannoo fi to’annoo seenaa (narrative) irratti dorgommii cimaan akka jiru Daayirektarichi hubachiisaniiru.
Teknooloojii yeroo ammaa jijjiiramaa jiru kana abbummaadhan itti fayyadamuun odeeffannoo akka biyyaaf ta’utti qindeessuuf hojjechaa akka jiranis ENA gabaaseera.