Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hojjettoota qaxalee Finfinnee Misoomsuuf Ayyaana Cuuphaa hojiin dabarsaniif maaddii qoodaniiru.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa hojjettoota goottawwan magaalaa keenyatti Ayyaana Cuuphaa hojiin dabarsan waliin laaqana nyaanneerra jedhan.

Hojjettoota Atilaas- Biraasi, Embaasii Ingilizii- Goolaagul- Eednaamool- Fireendishiippi, Wuhaa Limaatii- Riqicha Ruwaandaa, Mana Barumsaa Boolee Madaanaalamii- Hospitaala Ayaat, Istaadiyeemii Adey Ababaa- Daandii Qalabatii Boolee, akkasumas Uraa’el- Sararoota Atilaas fi Kaazaanchiis Paarkii Daa’immanii( Children’s Park)’tti ayyaanicha hojiin dabarsaa jiraniin akkasumas saayitiiwwan garaagaraatti halkaniifi guyyaa hojjechuun biyya keenyaaf aadaa hojii haaraa beeksisan hojjettoota goototaan ‘baga geessan’ jennee waliin laaqana nyaanneerra jedhan.
Isin dargaggoonni gootonni jaalala biyyaa keessan aadaa hojii cimaan kan ibsitan magaalaa miidhagduufi yaa’iinsa tuuristii olaanaa qabdu ijaaraa kan jirtan abdiiwwan biyya keenyaati jechuun ibsan.
Isin waliin maaddii ayyaana Cuuphaa qooddachuu keenyatti hedduu gammanneerras jedhan ergaa isaaniin.