Finfinneen Foramii Magaalota Addunyaa irratti muuxannooshee dhiyeessuufi

You are currently viewing Finfinneen Foramii Magaalota Addunyaa irratti muuxannooshee dhiyeessuufi

AMN PLUS- Amajjii 13/2018

Fooramii Magaalota Addunyaa Azarbaajaan Magaalaa Baakuutti qophaa’urratti Finfinneen muuxannooshee haalota itti dhiyeessitu irratti Ambaasaaddara Azarbaajaan waliin mari’achuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen himan.

Aadde Adaanech Itoophiyaatti Ambaasaaddara Azarbaajaan Ruuslaan Naasiibooviifi UN-HABITAT’tti Daayirektara Afriikaa Oomaar Suulii waajjirasaaniitti simachuun waliin mari’ataniiru.

Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti “Foramiin kun, Finfinneen hawaasa addunyaaf muuxannoo ishee akka qoodduufi hirmaannaashee caalmaan akka guddistuuf carraa guddaadha” jedhan.

Dabalataanis Itoophiyaan dhiyeenyatti Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Addunyaa (COP 32) qopheessituuf, magaalaa Baakuurraa muuxannoo kan itti qooddattu akka ta’uuf marii bu’a qabeessa taasisuu eeran.

“Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf, akkasumas giddugala yaa’iiwwan idil-addunyaa taasisuuf sochii taasisnu cimsinee itti fufna” jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply