AMN PLUS- Amajjii 14/2018
Odeeffannoo Dhaabbilee Diinagdee sirnaan lakkaa’anii beekuun guddina biyyaaf murteessaa akka ta’e Tajaajilli Istaatistiksii Magaalaa Finfinnee beeksise.
Tajaajilichi leenjifamtoota dhaabbilee Diinagdee lakkaa’an marsaa 2ffaan leenjisuu jalqabeera.
Tajaajila Istaatistksii Itoophiyaatti Hoji Gaggeessaan Damee Magaalaa Finfinnee Obbo Lammaa Urgeessaa akka himanitti, waggaa 20 booda biyya kanatti odeeffannoo dhaabbilee diinagdee galmeessanii kaa’uun isa jalqabaa ta’uu ibsuun hojiin kunis bu’aa guddaa biyyaaf qaba jedhaniiru.

Leenjifamtoonni marsaa 2ffaa kanaan leenjii’anis leenjicha akkuma xumuraniin, dhaabbilee diinagdee kuma 86 ta’an lakkaa’anii adda baasuun beekamuu akka qabanis obbo Lammaan eeraniiru.
Leenjii kanarratti waliigalaan hojjettoonni kuma 5 fi 400 akka hirmaatanis ibsaniiru.
Abdiisaa Fufaatu gabaase