Finfinneen obboloota keenya Afriikaaf fakkeenya ta’uushee irra deebiin mirkaneessiteetti- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Finfinneen obboloota keenya Afriikaaf fakkeenya ta’uushee irra deebiin mirkaneessiteetti- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS- Amajjii 14/2018

Finfinneen Kantiibota magaalota Afriikaa garagaraafi naannolee irraa dhufaniif muuxannoo qooduu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen himan.

Kantiibaa Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, “Finfinneen dirqama sadarkaa ardiitti qabdu sirnaan bahachuun, obboloota keenya Afriikaaf wiirtuu muuxannoo taateetti” jedhan.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Diinagdee Afriikaa (UNECA) bulchiinsa Faayinaansii magaalota Afriikaa irratti qorannoo taasifameen Finfinnee ulaagaalee 6 keessa 5 galmeessuusheen muuxannoo akka qooddu filamuu Aadde Adaanech ibsaniiru.

Qorannoon kun Finfinnee dabalatee magaalota Afriikaa jaha (Naayiroobii, Daaresalaam, Lusaakaa, Kiigaaliifi Yaawundee) taasifamuun, Finfinneen raawwii caalmaa galmeessuun 1ffaa ta’uu dandeesseetti jedhan.

“Keessumaa bulchiinsa faayinaansii galiifi baasiitiin, riifoormiin magaalaan keenya eegalte bu’a qabeessaa fi magaalota Afriikaaf fakkeenya ta’uu qorannoon kun mirkaneesseera” jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply