AMN PLUS – Amajjii 16/2018
Finfinneen lammiileen sagantaa seeftineetiin utubamanii gara oomishuutti akka Ce’an gochuun hojii Afriikaaf Fakkeenya ta’u hojjechaa jirti jedhan Daayirektarri Olaanaa fi Hogganaan Bulchiinsaa Baankii Addunyaa Mr. Wenchaayi Zhaangi.
Magaalaa Finfinneetti hojiileen sagantaa seeftineetiin hojjetamaa jiran dawwatamaniitu.
Sagantaa kana irratti Ministira Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii dabalatee, Daayirektara Olaanaa fi Hogganaa Bulchiinsaa Baankii Addunyaa Mr. Wenchaayi Zhaangi, Sadarkaa Kantiibaa itti aanatti hogganaan Biiroo Hojiifi ogummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Miliyoon Maatiyos argamaniiru.

Pitoojektiin sagantaa seeftineetiin magaalotatti hojjetamaa jiru Afrikaatti kan jalqabaati kan jedhan Daayirektarri Olaanaa fi Hogganaa Bulchiinsaa Baankii Addunyaa Mr. Wenchaayi Zhaangi, daawwannaa taasisaniin Finfinneen saganticha milkeessaa jirti jedhan.
Baankiin Addunyaa deeggarsa Itoophiyaatti gama kanaan taasisaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu himaniiru.
Xiyyeeffannoo mootummaan magaalotaaf kenneen akka biyyaatti magaalota 88 keessatti lammiileen miliyoona 1.7 sagantaa seeftineetiirraa of dabda’anii fayyadamoo ta’aniiru jedhan Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii.

Lammiileen kunneen gargaaramtummaarraa bahuun gara oomishachuutti ce’aa jiraachuun ammoo sagantaa kana Milkaa’aa jechisiiseera jedhan.
Sadarkaa Kantiibaa itti aanatti hogganaan Biiroo Hojiifi ogummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Miliyoon Maatiyos gama isaaniin lammiileen galii gadi aanaa qaban sagantaa kanaan fayyadamoo ta’aa jiru jedhan.
Finfinneetti lammiileen deeggaramuu jalaa bahanii gara oomishtummaatti akka ce’aniif gama leenjiifi hubannoo uumuutiin hojii guddaan hojjetamaa kan jiru ta’uu dubbataniiru.
Sisaay Dirribaatu Gabaase.