Birmadummaa fi dantaa Itoophiyaa kabachiisuuf nuti rafnee akka hin bulle diinonni keenya beekuu qabu- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Birmadummaa fi dantaa Itoophiyaa kabachiisuuf nuti rafnee akka hin bulle diinonni keenya beekuu qabu- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS- Amajjii 16/2018

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad “Nuti dantaa, tokkummaa akkasumas birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuuf yoom iyyuu ciisnee akka hin bulle diinotni Itoophiyaa beekuu qabu” jechuun ibsan.

Dooktar Abiyyi kabaja hundeeffama Waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itoophiyaa magaalaa Bishooftuutti kabajamaa jiru irratti argamuun, diinotni Itoophiyaa faayidaa lammiilee ishee fudhachuuf akka shiraa turan kaasaniiru.

Kanneen dhaabbatanii hafan, fuulduratti deemuu dadhaban, amallee duubatti hafanii jiran deebisanii deddeebisanii yaaduu kan qaban ta’uu yaadachiisuun, “Itoophiyaan kan eenyuu iyyuu hin barbaaddu, dantaa ishee ammo dabarsitee hin kennitu, kan kennames yoo jiraate ni deeffatti” jedhaniiru.

Itoophiyaan michoota ishee waliin faayidaa waloof hojjachuun badhaadhina mirkaneessuu akka itti fuftu kan ibsan Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi, qormaatni kam iyyuu akka Itoophiyaa hin dhaabne ibsaniiru.

Itoophiyaan akkuma Humna waraanaa lafoo, galaana irraa fi qilleensaa cimaa ta’e ijaaraa jirtu kanaan faayidaa lammiilee wal qixa ta’e mirkaneessuuf hojjataa akka jirtu ibsaniiru.

Itoophiyaan teekinooloojii fayyadamuun, lubbuu namaa qaalii ta’e qusachuun gahumsa humna namaa fi ammayyummaa yeroon irra gaheen Humni Qilleensaa Itoophiyaa waggoota shananan dhufan keessatti akka dachaan dabalu ibsaniiru.

Galma Tarsiimoo Dijitaalaa 2030 gama teekinooloojii humna qilleensaan qabames dhaloota 4ffaa irraa gara dhaloota shanaffaatti ceesisuun dandeettii fi tooftaa loltummaa ammayyaa Afrikaa irraa adda duree ta’u gonfachuuf hojjamuu eeraniiru.

Humna Qilleensaa Itoophiyaa madda gootota hedduu ta’ee fi Afrikaanotni hunduu ittiin boonan kana boqonnaa haaraatti ceesisaa jiraachuu kan ibsan Dooktar Abiyyi, Humnoota waraanaa kanneen biroon walitti qindeessuun diinota Itoophiyaatti ulaa cufuun dantaa biyyaalessaa mirkaneessuun, badhaadhina biyyattii milkeessuuf qaamoleen hundumtuu akka tumsan illee ergaa dabarsaniiru.

Malkaamuu Abbabaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply