Obbo Ahimad Shideen Daayrektara Olaanaa Baankii Addunyaa waliin mari’atan

You are currently viewing Obbo Ahimad Shideen Daayrektara Olaanaa Baankii Addunyaa waliin mari’atan

AMN PLUS- Amajjii 18/2018

Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen Daayrektara Olaanaa Baankii Addunyaa Weenkaay Zhaang waliin mari’ataniiru.

Ministeerichi guddina diinagdee Ityoophiyaa babal’isuufi diinagdee diijitaalaa fi naannawaa dadala bilisaa Afrikaa saffisisuuf fooyyeessi diinagdee gooroo hojiirra olchuu ibsaniiru.

Daayrektarichi gamasaaniin, Mootummaan Itiyoophiyaa ijaarsa fooyyeessii liiqii dabalatee fooyyeessii diinagdee gooroo hojiirra oolchuuf murannoo agarsiise dinqisiifataniiru.

Baankiin Addunyaa ajandaalee misoomaa itti fufiinsaan teeknikaa fi faayinaansiin deeggaruu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Qaamoleen lameen michummaa tarsimawaa Itiyoophiyaa fi Baankii Addunyaa gidduu jiru gamaaggamuu isaanii Ministeerichi ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply