Finfinneetti baatiiwwan jahan darban pirojektoota 274 xumurree tajaajilaaf banneerra- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Finfinneetti baatiiwwan jahan darban pirojektoota 274 xumurree tajaajilaaf banneerra- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Amajjii 18/2018

Gaaffii fi fedhii ummataa guddachaa dhufe irratti hundaa’uun piroojektoota damee barnootaa, fayyaa, fi hawaasummaa hojjetaman 274 xumuruun tajaajilaaf banaa taasifamuu Kantiibaa Adaanech Abeebee himan.

Finfinneetti gamaggamni hojii paartiifi Mootummaa guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture goolabameera.

“Turizimii konfiraansii magaalaa keenyaa guddina kan agarsiise yoo ta’u, ji’oota 6 darban keessatti konfiraansii 150 ol gaggeeffameera” jedhan Aadde Adaanech.

Carraa hojii uumuun lammiilee kuma 195 ol carraa hojii dhaabbataa fi yeroo uumamuufiis eeraniiru.

Komii uummataa gama kenniinsa tajaajilaatiin ture furuuf hojii ‘Mesob’ cimsuun itti quufinsa ummataa %94 argachuu jalqabuun hojii fuulduraaf gala akka ta’ullee addeessan..

Hirmaannaan tola ooltotaas haalaan kan dabale yoo ta’u, tumsitoota misoomaa fi ummataan hojiileen birrii biiliyoona 13tti tilmaamamu kennamuu himan.

“Ji’oota 6 dhufan keessatti qaawwa raawwii hooggansaa xiyyeeffannoo barbaadu dhiphisuu, manneen ijaaruu, magaalaa keenya taateewwan idil-addunyaatiif caalaatti qopheessuu, ijaarsa dhaabbilee cimsuu, malaammaltummaa fi hojimaata badaa sirna ammayyaa fi hirmaannaa ummata keenyaatiin dhabamsiisuu irratti xiyyeeffanna” jedhaniiru.

Qabiinsa odeeffannoo ammayyeessuu fi qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf hojiilee jalqabaman itti fufsiisuuf sassaabbii galii cimsuuf waliigalamuu eeraniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply