Daa’imman maatii dhiisanii, miidiyaa hawaasaa da’oo godhachaa jiru – Abbootii Amantaa

You are currently viewing Daa’imman maatii dhiisanii, miidiyaa hawaasaa da’oo godhachaa jiru – Abbootii Amantaa

AMN PLUS -Amajjii 20/2018

‎Yoo ijoolleen nama rakkisan bilbila itti kennanii of irraa ari’uun ijoollee waan badaadhaaf saaxiluu akka ta’e Abbootiin Amantaa turtii AMN Qophii Roga Dubbii waliin taasisan himan.

‎Barreessaa B/ Wangeelaafi Gorsaa Kabbadaa Bakaree  akka jedhanitti maatiin bara dijitaalaa kana keessa akkaataa itti ijoollee isaa guddifatu afaan midiyaa beeknaan miidiyaama irraa barnoota guddaa fudhachuu danda’a jedhanii amanu jedhan.

‎ “Daa’ima komachuu irra barsiisuun murteessaadha” jechuun himu.

‎Daa’imman miidiyaa waliin deemanii warra isaanii dhiisuu danda’u kan jedhan Barsiisaa Kabbadaan, kunis maatiifi ijoollee gidduutti garagarummaa guddaan akka uumamu taasisa jedhaniiru.

‎Abbaaf Haati yeroo hundumaa bilbila irra turu yoo ta’e ijoolleedhaan dhiisi jechuu hin danda’an jedhanii maatiin dursanii fakkeenya gaarii ta’uu akka qaban himaniiru.

‎Daa’immanis ammuma umurii isaaniifi dandeettii isaaniitti, waanta isaaniif eyyamame  beekumsa akka irraa baratan maatiin yoo mijeesse wanta naannoo isaanii hin jirree akka irraa baratan taasisuun hin danda’ama jedhaniiru.

‎Maatiin yeroo itti miidiyaa fayyadamnuufi joolleef maatii keenya waliin dabarsinu adda baafnee qabaachuun haala gaariin miidiyaa  hawaasaa fayyadamuun ijoollee keenyaaf fakkeenya ta’uu qabna jedhan Barreessaa, B/ Wangeelaafi Gorsaa Kabbadaa Bakaree 

‎Ejansii Musliimota Itoophiyaatti Qindeessaa Sagantaalee Sulxaan Ahimad akka jedhanitti, Dijiitaal miidiyaan akka gabaa biyya lafaa kana irra jiruu yoo ta’u,  miidiyaa hawaasaa ammoo akka gabaa markaatootti fakkeenyaan ilaaluu dandeenya.

‎Midiyaan hawaasaa jechuun jedhani Sulxaan Ahimad, Gabaa dhaqxee waan bitattu yoo sirriitti hin beekne waan si sossobutu jira jedhani.

‎Bakka waa bitan waan nama miidhus nama fayyadus guutee waan jiruuf beekumsa waan bitattuu yoo hin qabaanne waan dogoggoraa nama miidhu fudhattee manatti galta jedhani.

‎Miidiyaan Dijitaalaa ammoo akka gabaa Addunyaa kana irra jiruuti jedhanii, waan barbaaddu, bakka tokkoo yoo dhabde bakka biraadhaa qaamaan dhaquu osoo hin barbaachisin bitachuu danda’uudha jedhani.

‎Miidiyaan akkaataa itti fayyadamaa beekuu barbaachisa jedhanii, keessattuu fayyaa ijoollee irratti dhiibbaa guddaa fiduu akka danda’u saayinsiidhaan mirkanaa’ee akka  jira kaasaniiru

‎Akksumas xiinsammii daa’immanii miidhuun ofitti amanuu isaanii xiqqeessuun  egeree isaanii miidhuu danda’a jedhani

‎Yaroo amma kanatti akkataa itti fayyadama miidiyaa ijoolleetu warra caalaa beeka jedhanii garuu maatiin dursanii beekumsa miidiyaa gabbifachuun ijoollee qajeelchuu akka qaban Ejansii Musliimota Itoophiyaatti Qindeessaa Sagantaalee Sulxaan Ahima dhaamaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply