AMN PLUS
Itiyoo-Telekoom gabaasa raawwii hojii ji’oottan jahan darbanii dhiyeesseen galii birrii biiliyoona 85 walitti qabuu beeksise.
Gabaasicha kan dhiyeessan Hojii Raawwachiistuun Dhaabbatichaa Firehiwot Taammiruu raawwii kurmaana jalqabaa bara kanaatiin karaa ‘tele-birr’ daddabarsi birrii tiriiliyoona Tokkoo fi biliyoona 900 olii adeemsifamuu kaasuun, liqiin birrii biliyoona 8 fi miiliyoona 600 ol ta’uu kennamuus himan.
Imala Itoophiyaa dijitaalaa milkeessuufis galmeessi waraqaa eenyummaa dijitaalaa miiliyoona 10 olii dhaabbatichaan raawwatamuu dubbataniiru.
Itiyoo-Telekoom dirqama hawaasummaa irraa eegamu bahachuufis dameelee barnootaa, fayyaafi deeggarsa namummaaf birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 68 ol baasii gochuus Firehiwot Taammiruun ibsaniiru.
Bulchaa Nagaraatu gabaase