AMN ol jedhee balali’uusaa itti fufa – Obbo Kaasaahun Gonfaa

You are currently viewing AMN ol jedhee balali’uusaa itti fufa – Obbo Kaasaahun Gonfaa

‎AMN PLUS- Amajjii 22/2018

Addis Miidiyaa Neetiwoork qabiyyee jabaa, hidhannoo teekinooloojii fi misooma humna namaa ga’oome horachuun madda odeeffannoo Finfinnee jalqabaa ta’uu cimsee akka itti fufu Hoji raawaachiisaa Olaanaa AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa himan.

AMN raawwii hojii baatiiwwan jahan darbanii hojjettootaafi hoggantoota sadarkaan jiran waliin qorateera.

Hoji raawaachiisaa Olaanaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa “AMN madda odeeffannoo Finfinnee jalqabaa ta’uun sosochii Misoomaa Magaalaa Finfinnee adda durummaan beeksiisuu, uummataafi mootummaa walitti fiduun akkasumas rakkooleen bulchiinsa gaarii fala akka argatan hojii boonsaa hojjeteera” jedhan.

Qabiyyeewwan dargaggootaaf carraa kennan bocuun damee bashannanaan jijjiirama fiduus Obbo Kaasaahun Gonfaa ibsaniiru.

Gurgurtaa qabiyyee irraa AMN baatiiwwan jahan darban, galii Birrii miiliyoona 300fi miiliyoona 69 ol argachuu gabaasa dhiyaateen eerameera.

AMN hojii tola ooltumma aadaa godhachuun, daa’imman haadhaafi abbaa hin qabne guddisuu, hirmaannaa ashaaraa magariisaafi giddugaloota soorataatti harka qalleeyyiif maaddii qooduun hojiiwwan boonsaa hojjeteera jedhan.

“AMN madda odeeffannoo Finfinnee jalqabaa ta’uuf kaayyoo qabate milkeessuun, miidiyaalee biyyattii haga sadiitti waamaman Keessaa tokko ta’uuf danda’eera” jedhan.

AMN uummataaf sagalee ta’ee akka hojjetu Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee kallattiin kenne nuuf carraa guddaadha kan jedhan Obbo Kaasaahun, hidhannoo teekinooloojiifi ijaarsa koompileksii miidiyaa haarawaan hojiin hojjetamaa jiru AMN’n fuulduratti tarkaanfachiisa jedhaniiru.

Hojjettootni AMN gama isaaniin jijjiirama akka miidiyaatti AMN mul’ise kutannoo hoggansaafi tokkummaa hojjettootaan kan milkaa’e ta’uu kaasan.

Imalli AMN eegale, jijjiirama Magaalaa Finfinnee waliin qixa akka tarkaanfatuuf aadaa hojii Finfinnee 24/7’n akka hojjetan eeran.

Baatiiwwan jahan dhufan qabiyyeewwan sagalee uummata keessummeessan, naannoo hojii mijataa uumuu, miidiyaa dijitaalaa caalmaan ammayyeessuun cimsuu irratti xiyyeeffannoon akka hojjetamu Obbo Kaasahun ibsaniiru.

Milkaa’ina Filannoo Biyyaalessaaf, bulchiinsa gaariifi, qabiyyeewwan tokkummaa biyyaalessaa ijaaran irratti qabiyyeewwan haaraafi dabalataa akka bocamu ibsaniiru.

Malkaamuu Abbabaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply