AMN PLUS- Amajjii 23/2018
Ministirri Muummee Itti Aanaa FDRI Obbo Tamasgeen Xurunaa Feestivaala Gombisa Fardaa Agaw 86ffaa irratti hirmaachuuf Injibaaraa seenaniiru.
Obbo Tamasgeen turtii Naannoo Amaaraa Godina Awwii magaalaa Injibaaraatti argamuun, “Faaya Itoophiyaan ittiin boontu keessaa tokko kan ta’e, Feestivaala Gombisa Fardaa Agaw 86ffaa ajaa’ibsiisaa ta’e, seenaan gootummaa Awwii ittiin yaadatamu irratti ni hirmaannaa” jechuun miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Obbo Tamasgeen simannaa ho’aa magaalaa Injibaaraatti isaaniif taasifameef Galata dhiyeessaniiru.