AMN PLUS- Amajjii 22/2018
Biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaa hedduuf yeroon kun waqtii gannaati. Baatii keessa jiran kanatti ammoo qorra cimaa keessummeessu.
Qorri isaa isa hamma lafee namaatti dhaga’amuu fi sochii dhorkuu malu, du’aatii illee hordofsiisuu malu, zeeroo gadi haga digirii seenti gireedii 24 (-24) ga’udha.
Raashiyaa fi Yuukireen waggoota sadii caalaniif wal haleelaa turan, waliigaltee nagaan osoo dhukaasa hin dhaabin turanii amma haallumti uumamaa dirqisiisnaan sababaa diilalla hamaan waraana dhaabuuf dirqamaniiru.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp erga dhukaasni kun sababaa qorra cimaa kanaa dhaabbachuu akka qabu gita isaanii Raashiyaa Vilaadmir Puutin gaafatanii booda, “magaalaa guddoo biyyattii Kiivis ta’e magaalota biroo irratti haleellaa hin raawwatan” jechuun ibsaniiru.
Kaleessa halkan osoo dhukaasa tokkollee hin dhaga’in nagaan buluun Kiiv kan dhaga’ame yoo ta’u, hamma torban tokkootti haalli nagaa kun akka turu eegama.
Pireezidaantiin Yuukireen Vooloodmir Zeleniskiin, “Tiraamp waan Puutiniin amansiisanii yeroo qorra hamaa kanatti illee akka dhukaasni nurraa dhaabbatu taasisaniif ni galateeffanna” jedhaniiru.
Zeleniskiin qorraaf qofa miti, waraanni kun yeroo dhumaaf osoo dhaabbatee fedhii isaanii ta’uu gaazexessitootatti himaniiru.
Isaanis yoo ta’an Mooskootti dhukaasuu akka hin barbaadne kaasaniiru.
Ta’us, haga ammaatti Mooskoo fi Kiiv jidduutti waliigalteen ykn mariin nagaa kallattiin adeemsifame tokko illee akka hin jirre Anadolu fi BBC’n gabaasaniiru.