AMN PLUS- Guraandhala 10/2018
Oduu Aagaa kan jedhame Itoophiyaan biyyoota addunyaa turizimiin guddina saffisa qabu galmeessaa jiraachuu ishee maddeen garaagaraa dhugaa qabatamaa damee turizimii biyyatti xiinxalaniiru.
Akka safartuu turiizimii idil-addunyaa dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) kaa’een, yeroo weerara Vaayirasii “COVID-19” wal bira qabamee ilaalamu sadarkaa addunyaatti bara 2025’tti lakkoofsi daawwattootaa dhibbentaa 4’n dabaluu ibsameera.
Sadarkaa idil-addunyaatti tuurizimiin dadammaqaa jiraachuu kaasuun, bara 2025 keessa turistootni biliyoona 1.5 ta’an biyyoota garaagaraa daawwachuu isaanii maddeen garaagaraa gabaasaniiru.
Itoophiyaanis tarree biyyoota addunyaa daawwataman keessaa ishee tokko taateetti.
Itoophiyaatti lakkoofsi turistii sadarkaa olaanaa 15% kan dabale yoo ta’u, biyyootni lakkoofsa turistootaa olaanaa galmeessan biroo ammoo Biraazil, Butaan, Masirii,fi Siishelsii ta’uun galmaa’aniiru.

Dhaabbatni Turizimii Addunyaa Biyyoota Afrikaa Keessaa Itoophiyaan Damee Turizimiif haala mijataa uumaa jiraachuu ibsuun kunis guddinaa ariifachiisaa agarsiisaa jiraachuu akeekera.
Gama invastimantiin fooyya’insa jirutti dabalatee imaltootni Itoophiyaa daawwachuuf deemaa jiraachuunis ibsameera.
Sochiiwwan turizimii dabaluuf sababootni ijoo tahan hedduun jiraachuu maddeen odeeffannoo dhimma turizimii baasan kan eerame yoo tahu keessattuu hoteelotaafi dhaabbileeen tajaajila kennan biroo fooyya’uun fedhiin turistootaa akka guddatuuf gahee bahate akka qabu gabaasichi ni eera.
Hundeessaan dhaabbata daawwachiisaa ‘Newpath Expedition’ Yoorg Saalaas -Guveeraa, “imaltootni maammiltoota keenya yeroo dheeraa ta’an fedhiin isaan gara Itoophiyaa deemuuf qaban dabaleera” jechuun ibseera.
Itti dabaluunis, “Turistootni waggootaaf karoora imala isaanii jijjiiraa turanis yeroo ammaa imaluudhaaf qophiidha,” jedha.
Dargaggootni taateewwan addabaabayii isaan hawwatuun Itoophiyaatti imaluu barbaadan lakkoofsi isaanii dabalaa dhufuu ibseera.
Hoji-gaggeessaan dhaabbata turistoota daawwachiisuu Tumbuktuu Joonii Piriinsi akka jedhutti, erga bara 2024 as fedhiin gara Itoophiyaatti imaluu % 40’n akka dabale kaaseera.
Tuuristootni soda tokko malee gara Itoophiyaatti imaluu eegaluu eeruun, bara kana keessa gareewwan barnootaa Itoophiyaa daawwachuudhaaf galmaa’an 20 oliidha,” jechuun ibseera.
Keessumaa Itoophiyaan turistoota warra haftee qaamaa, aadaa sabaarratti qorannoo gaggeessan, akkasumas uumamni isaan hawwatuuf filatamtuu ta’uushee Salaas-Guveeraa dubbateera.

Dirree Sheek Huseen, Holqa Soof Umar, Gaarreen Baalee, Bataskaanni Laaliibalaa dhakaarraa hojjetame, masaraan mootummaa Gondar, akkasumas gaarreen Kaabaa bakkeewwan hawwata turistootaa ijoo ta’an keessatti akka argamanis akkasuma hubatameera.
Turistootni Gaarreen Kaabaatti jaldeessa Cilaaddaa warri daawwataniifi gara Omoo deemuun daawwachuu barbaadan baayyeedha.
Taateewwan aadaa hambaawwan kiliyaan wal qabachuun “UNESCO” irratti galmeeffamaniifi kanneen biroo daawwachuuf tuuristootni gara Itoophiyaa dhufan haalaan dabaluu gabaasa kanaan tuqameera.
Kanumaan wal qabatee, addunyaarratti daawwattoota baayyee kan keessummeessitu Awurooppaa yoo taatu, bara faranjoota darbetti qofa tuuristootni miiliyoona 800 Awurooppaa daawwachuun isaanii ibsameera.
Akka ragaaleen garaagara ibsanitti Afrikaa, Eeshiyaa fi Laatin Ameerikaan bakkeewwan hawwata turistii haaraa ta’uun fuulduratti dhufaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e