Taphni olaantummaa Reyal Maadiriidiin goolabame arraba sanyummaatiin jeeqame

You are currently viewing Taphni olaantummaa Reyal Maadiriidiin goolabame arraba sanyummaatiin jeeqame

AMN PLUS – Guraandhala 11/2018

Tapha Shaampiyoonsi Liigii moo’atanii darbuu Benefiikaan Reyaal Maadriid ittiin keessummeesse olaantummaa Maadriid 1-0’n goolabame.

Leenjisaan Benefiikaa Joosee Mooriinihoon dursanii dhaadataa turan kaardii diimaan dirreerraa gaggeeffaman.

Tapha kana irratti goolii injifannoo kan lakkoofsise Vinishiyes Juuniyer yoo ta’u, taphataan Benefiikaa Pireestiyaaniin dirree keessatti osoo taphattoonni hundi dhaga’anii jecha sanyummaan Vinishiyesiin arrabse.

Arrabsoo kana booda taphichi gara jeequmsaatti kan jijjiirame yoo ta’u taphattoonni Maadriid dirree gadhiisanii ba’uufillee yaalanii turani.

Taphataan Baarseloonaa duraanii Tiyeerii Heneriin “An Maadriidiin hin jaalladhu, galgala kana garuu Maadriidistaa ta’eera, yeroo akkasii uffata Viiniin uffate hin ilaalu” jedhe.

Viinii Juuniyer taphicha booda ibsa baaseen “Jecha sanyummaan arrabsamuun anaaf haaraa miti, kan na gaddisiisu sirna sanyummaa kanaaf haguuggii kennuudha. Pirootokooliin rakkoo kanaaf furmaata laatu dadhabaadha” jechuun qeeqe.

Leenjisaan Reaal Maadiriid Arbelo’aan, “Wanti har’a mudate waan kubbaa miillaa keessaa haqamuu qabuudha” jechuun gocha taphataa Benefiikaa waan hin malle jechuun ibse.

Kiiliyaan Mibaappeen ammoo “Pireestiyaaniin lammaffa Shaampiyoonsi Liigii keessa akka hin taphanne murtaa’uu qaba, yeroo 5 jecha sanyummaatiin Viinii waame” jechuun miira haariin ibse.

Joosee Mooriinihoon tapha deebii Bernaabaawotti taasifamurraa kan adabaman yoo ta’u Waldaan Kubbaa Miillaa Awurooppaa Pireestiyaanii irratti wanni murteessu ni eegama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply