AMN PLUS-Guraandhala 12/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen barreessitootnifi ogeeyyiin Aartii yeroo hojjechuu danda’anitti mana jireenyaa kennuufiin isaanii ni galateeffachiisa jedhe Ogeessi Aartii Taagel Seefuu.
Akka fakkeenyaattis tibbana Barreessaa Habtaamuu Alabbaachootif akkasumas namoota olmaa biyyaaf oolan dabalatee ilma Koloneel Abdiisaa Aagaaf umrii hojirra jiranitti mana jireenya kennan waan ta’eef galateeffatamuu akka qaban kaase.
Kanaan dura barreessitootaafi namoota biyyaaf olmaa guddaa oolaniif manni jireenyaa kan kennamu yeroo isaan umrii hojii fixatanii taa’anitti yookaan lubbuun darbuuf jedhanitti kan jedhu Ogeessi Aartii Taagel Seefuu, amma Kantiibaa Adaanech Aadaa sana jijjiiruun Barreessitootaaf umrii hojii isaanitti mana jireenyaa kennaa jiru waan ta’eef galateeffatamuu akka qaban ibsaniiru.

Manni jireenyaa osoo yeroo barreessitootni umrii isaan hojiirra jiranitti kennaameefi caalaatti hojjechuu akka danda’an Ogeessi kun ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech galateeffatamuu qabu kan jedhan Taagel Seefuu, Barreessaa Habtaamuu Alabbaachoo yeroo kanatti mana jireenyaa argachuu isaanii hagam hojii isaaniitti akka gammadan tilmaamuun nama hin rakkisu jedhaniiru.
Barreessitootni baay’een mana kiraa keessa taa’uun kitaaba barreessaa akka turan kan yaadachiisan Taagel Seefuun, “Barreessitootni keenya namoota faayidaa argachuuf kaatani miti” jedhaniiru.
Ogeessotni kunneen osoo hin dulloomin yeroo umrii hojii irra jiranitti manni jireenyaa osoo kennameefi waan baay’ee hojjechuu akka danda’an Ogeessi Aartii Taagel Seefuu turtii AMN waliin taasiseen ibsaniiru.
Barreessitootaaf yeroo isaan dulloomanii dadhabanitti mana jireenyaa kennuun maal jechuudha jedhee kan gaaffatu Taagel, fakkeenyi gaariin jalqabbii Kantiibaa Adaanech Abeebee Barreessitootaaf osoo isaan hojii irra jiranu mana jireenyaa kennan waan ta’eef galateeffatamuu qabuu itti amantan taanan harka rukutaafi jedhaniiru.
Shuumii Badhaasootiin