AMN PLUS-Guraandhala 13/2018
Hojiileen misoomaa Magaalaa Finfinneetti hojjetaman haala magaalatti durii jijjiiru caalaa ajandaa namoota baay’ee ta’eera.
Ummatniifi mootummaan waliin qindaa’uun yoo hojjetan waggoota gabaabaa keessatti jijjiirama fiduun akka danda’amu biyya irra darbuun magaalota Afrikaa hedduuf fakkeenya taateetti.
Finfinneen mana saboota, sab-lammootaafi uummattoota Itoophiyaa tahuu cinaatti teessoo dippiloomaatootaas tahuun garaagarummaa afaanii fi amantaa malee kabajaa fi waliigalteen kan keessa jiraatan damee misooma qofa osoo hin taane yaaddoo nageenyaa tokko malee hawaasni halkanii fi guyyaa hojjetee jireenya isaa akka fooyyessuuf yakka ittisuun nageenya mirkaneessuuf hojii bu’a qabeessatu hojjetameera.
Bu’aan kun galmaa’uu kan danda’eef sababa jiraattotni magaalattii misooma waliin wal-qixatti nageenyaa fi tasgabbii irratti hojjetaniif.

Kanaafuu, jiraattota magaalattii qofaa osoo hin taane lammiileen kutaalee biyya keessaa garaagaraa irraa dhufanii fi lammiileen alaa akkasumas turistoonni misooma Magaalaa Finfinnee kana daawwachuuf carraa guddaa argataniiru.
Magaalattiin baatii 6 keessatti taateewwan 150 caalan sadarkaa naannoo, ardii fi idil-addunyaatti gaggeeffaman milkaa’inaan keessummeessuu danda’uuf muuxannoo fi dandeettiis horatteetti.
Kantiibaa Adaanech Abeebee gabaasa baatii jahan darbanii bara 2018 keessatti hojiiwwan nageenyaa fi tasgabbii magaalaa keessatti hojjetaman ilaalchisee Mana Mareef dhiyeessaniin, bu’aan galmaa’e sababa hawaasni gatii nageenyaa fi ijaarsa biyyaarratti hubannoo gahaa qabaachuu fi abbaa nageenyaa ta’uu isaanii akka ta’e ibsaniiru.

Kutaa magaalaa hunda keessatti miseensonni raayyaa nageenyaa humna nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun Finfinneen gama misoomaa qofa osoo hin taane gama nageenyaatiin magaalaa filatamtuu akka taatu taasiseera.
Torban darbe kana Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuterees, Ministirri Muummee Itaalii Joorjiyaa Meeloonii, Pirezidaantii Turkiyyee Rajib Xayyip Eerdowaanii fi hoggantoonni biyyoota Afrikaa hedduu, akkasumas hoggantoonni dhaabbilee addunyaa garaagaraa walga’iiwwan Magaalli Finfinnee keessumessiterratti kan hirmaatan milkaa’inaan xumuramuun isaa hojii nageenyaafi tasgabbii bulchiinsi magaalattii hojjetee milkaa’aa ta’uu kan agarsiisudha.
Finfinneen misooma qofa osoo hin taane tokkummaa sab-daneessummaa mul’isteefi saffisaan misoomaa galmeessaa jirtuun sadarkaa ardii fi addunyaatti wiirtuu tuurizimii konfiransii filatamtuu taatee jirti.
Shuumii Badhaasootiin