AMN PLUS – Guraandhala 14/2018
Dhibeen Vaayirasii Reebiis barmaatiin ‘dhibee saree maraatuu’ jedhamuun waamamu, hamaa yoo ta’u, dhibee yeroo sareen vaayirasii kanaan qabame nama ciniinu daddarbudha.
Vaayirasii “Rabies” jedhamu kanaan dhibeen kun kan daddarbu yoo ta’u vaayirasiin kun qaama namaa keessa erga seenee booda gara sirna narvii wiirtuutti faca’uu sammuu namaa miidhuu mala.
Kolleejjii Meedikaalaa Hospitaala Yekkaatit 12’tti Hakiima dhibeewwan keessoo kan ta’an Dooktar Addis Ascanniq, waa’ee vaayirasii Reebiis ilaalchisee AMN’tti akka himanitti, dhibee kana daddabarsuu kan danda’an saree qofa osoo hin taane adurree, jeedala, waraabessaa fi bineensotni bosonaa biroos akkasuma daddabarsuu danda’u.

Dhangala’aan afaaniifi funyaan beellada ykn bineensa vaayirasii kanaan qabame keessaa ba’u yeroo gara madaa namaa ykn ija ykn afaan keessa seene carraan dhibee Reebiis kanaan qabamuu akka bal’atu Dooktar Addis ibsaniiru.
Mallattoon dhibee kanaa guyyootaa haga ji’ootaatti osoo hin mul’atin akka turuu malu kan kaasan Ogeessi Fayyaa dhibee keessoo kun, jalqaba irratti qaama gubuu, mata-dhukkubii fi qaama namaa ciniiname irratti dhukkubbiin ykn haalli hollannaa jiraachuu akka danda’u himaniiru.
Sanaan booda bishaan sodaachuu, dhiphachuu, aaruu, garaagarummaan haala yaaduu namaa irratti uumamuu fi haga kufuutti mallattoolee ulfaatoo ta’an agarsiisuu akka danda’u Dooktar Addis AMN’f ibsaniiru.
Mallattooleen kunneen erga mul’atanii booda deeggersa wal’aansa fayyaa argachuun rakkisaa waan ta’uuf namootni dhibee saree maraatuun qabaman carraa du’aaf saaxilamuu olaanaa ta’e akka qaban eeraniiru.
Haa ta’u malee, namni sareen ciniiname hatattamaan gara dhaabbata fayyaatti yoo geeffame, guutummaatti dhibicha irraa fayyuu akka danda’u ibsaniiru.

Battaluma saree ykn bineensa kan biraan ciniinaman turtii daqiiqaa 15 ta’uuf bishaan baay’ee fi saamunaan sirriitti bakka madaa’e dhiquun akka murteessaa ta’e illee akkasuma kaasaniiru.
Bakka ciniiname irratti alkoolii ykn ayoodinii dibuun balaa qaqqabuu malu hir’isuun akka danda’amu illee Dooktar Addis gorsaniiru.
Dabalataanis, gara dhaabbata fayyaa hatattamaan dhaquun talaallii Reebiis hamma dhumaatti fudhachuun dhibee kana irraa dafanii fayyuuf akka gargaaru dubbataniiru.
Dhibee saree maraatuu jedhamuun beekamu kana dursanii ittisuuf saroora talaalchisuu, beelladoota adda hin ba’in/hin beekamin tuquu dhiisuu, daa’imman waa’ee dhibee kanaafi balaa inni fidu barsiisuu akkasumas sirna to’annoo beelladootaa cimsuun lubbuu baraaruun akka danda’amus ibsaniiru.
Dhibee Vaayirasii Reebiisin dhufu guutummaatti to’achuun kan danda’amu ta’us, erga mallattoon dhibichaa mul’atee booda garuu tarkaanfii hatattamaa fudhachuun lubbuu du’a oolchuun akka danda’amu ogeessi fayyaa dhibee keessoo Hospitaala Yekkaatit 12, Dooktar Addis Ascanniq AMN’tti himaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e