Rakkoon Maanchistar Yuunaayitid moo Antoonii bira?

You are currently viewing Rakkoon Maanchistar Yuunaayitid moo Antoonii bira?

AMN PLUS- Guraandhala 10, 2017

Antooniin Maanchistar Yuunaatiiditti taphoota 62 taphatee goolii 4 yoo galchu Riyaal Beetisitti taphoota sadi taasisee goolii 5 irratti hirmaate.

Taphataan Maanchistar Yuunaayitid duraanii Antooniin Riyaal Beetisitti irra deebiin dhalateera.

Taphataan sarara fuulduraa lammii Biraazil kun gara Oltiraafoordi kan dhufe gatii jijjiirraa Paawondii miliyooma 70 Ayaaksi Amistardaam irraa leenjisaa isaa Erik Teen Haag hordofeeti.

Haa ta’u malee, Ayaaksi gaafa leenjisan gahumsa isaatti kan amanan Teen Haag

Oltiraafoorditti garuu isaan gargaaruu hin dandeenye.

Bara 2022 kilabichatti kan makame Antoonii Maatiyaas Doosaantos taphoota 62 irratti goolii 5 qofa lakkoofsise.

Bara kana jijjiirraa ji’a Amajjiin ergisaan gara Riyaal Beetis kan deeme Antoonin taphoota sadi irratti goolii 2 yoo lakkoofsisu 3 ammoo mijeessee kenne.

Taphoota lama irratti taphataa cimaa morkichaa ta’ees xumure.

Maarree rakkoon Antoonii biramoo Yuunaayitid bira?

Misikkir Alamaayyootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply