AMN PLUS, Guraandhala 14, 2017
Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan Taanzaaniyaa Magaalaa Daare Salaam dhaqaniiru.
Obbo Tamasgeen yeroo 3ffaaf yaaāii oomishtoota Bunaa Afrikaa G-25 magaalattiitti gaggeeffamurratti ni hirmaatuun eegama.
Afrikaatti oomishtuu bunaa addaa duree kan taate Itoophiyaa dabalatee biyyoonni oomishtoota bunaa 25 yaaāicharratti ni hirmaatu jedhameera.
Yaaāiichi mata duree āIndaastirii Bunaa Afrikaa dadammaqsuun dargaggootaaf carraalee hojii banuuā jedhuun kan gaggeeffamu yoo taāu, carraalee hojii uumuu fi damicha siāeessuuf mariiwwan gargaraan akka taaāaman kan eegamu taāuun ibsameera.