AMN PLUS, Guraandhala 18, 2017
Darbii eegamaan Liigii Turkiyee eda galgala Galatasaaraayiin Fiinarbaachee keessummeesse galchii malee xumurame.
Darbii eegamaan atakaaroon guutame kuni karaa nagaan akka gaggeeffamuuf dursee qaamolee nageenyaa kuma 30 ta’an bobbaasuu mootummaan biyyattii beeksisee ture.
Kilaboonni lamaan tapha darbiin cinaatti garaagarummaa qabxii 6 sadarkaa 1 ffaa fi 2ffaan liigicha dursaa jiru.
Leenjisaan Fiinarbaachee Joozee Moriinihoon tapha naamusaan guutamee fi abbaan murtee haqa qabeessummaam hoogganaaniidha jedhan.
Abbaa murtee lammii Sarbii darbii kana taphachiisan Silaavikoo Viinchiich kan galateeffatan Moorinihoon abbootin murtee liigii Turkiyees isa irraa barachuu qabu jedhan.
Liigicha Galatasaariin qabxii 64 yoo dursu, gareen Joozee Moorinihoo Fiinarbaacheen ammoo qabxii 58 tin itti aana.
Misikkir Alamaayyootiin