AMN PLUS- Bitootessa 5/2017
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee tajaajila geejjibaa si’ataa fi dhaqqabamaa ta’e magaalicha keessatti kennuuf dambii to’annaafi tajaajila tarminaalaa bahe irratti qooda fudhattoota waliin mari’achaa akka jiru beekameera.
Tajaajila geejjibaa guddina magaalatti gitu kennuufi rakkoo naannoo tarminaalotaatti muudatan hambisuuf bulchiinsi magaalichaa dambii baase irratti qooda fudhattoota waliin marii gaggeessaa jira.
Kaayyoo dambii kanaa tajaajila geejjibaa si’ataa ta’e jiraattotaaf kennudha kan jedhan hoogganaa Biiroo Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Yaabbibaal Addis baayyinni jiraattotaa fi konkolaattota magaalicha keessatti argamanii dabalaa waan jiruuf dambiin bahe kuni rakkoo geejjibaa furuu keessatti gahee olaana qaba jedhaniiru.

Misoomni koriidarii magaalicha keessatti hojjetamaa jiru daandii lafo deemtootaafi biskiliitii mijataa ta’e uumuun rakkoo geejjibaa salphisuu keessatti shoora olaanaa akka qabus obbo Yaabbibaal dubbataniiru.
Marii kana irratti hooggantuu Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasggabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa dabalatee hooggantoonni sadarkaan jira irratti argamanii mari’achaa jiru.
Geetaahun Kamataa