AMN PLUS- Bitootessa 11/2017
Balballi Mootummaa yeroo kamittu mariif banaa akka ta’e Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) dubatan.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.)yaadaa fi gaaffii miseensota mana maree bakka bu’oota uummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa lola kaaba ture irratti, injifannoo irra osoo jiruu, gara Waliigaltee Nagaa Piriitooriyaa kan deeme, ejjannoo garaagarummaa yaadaa karaa nagaatiin xumuruuf qabuun akka ta’e ibsaniiru.
Bu’uuruma kanaan, mootummaan qaamolee hidhatanii socho’an waliin garaagarummaa jiru karaa marii fi nagaan hiikuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.