Finfinnee: Magaalaa murteewwan egeree Afriikaa bocan keessummeessitu- ANA

You are currently viewing Finfinnee: Magaalaa murteewwan egeree Afriikaa bocan keessummeessitu- ANA

AMN PLUS – Amajji 4/2018

Dhaabbata Tokkummaa Afriikaa bu’uuressuurraa kaasee haga ammaatti, Finfinneen yaa’iwwan Gamtaa Afriikaa ga’umsa olaanaan keessummeessaa jirti.

Magaalaan balbalaafi Afriikaa taate kun ardicha addunyaa hafe waliin walquunnamsiisuun Magaalaan irra gahu hin jiru.

Maarree burqaan oduu Afriikaa teessoo isaa Ruwaandaa Kiigaalii taasifate ‘Africa News Agency’ Finfinneen teessoo murteewwan egeree Afriikaa bocan keessummeessitu jechuun gabaasa bal’aa baaseera.

Gamtaan Afrikaa bara 2026tti walga’iiwwan ijoo sadii keessummeessa.

Walga’ii Koree Dhaabbii Bakka Bu’oota Afriikaa 51ffaa kan har’aa kaasee haga Amajjii 30tti adeemsifamu isa tokko.

Yaa’iin Koree Hoji Raawwachiistuu Gamtaa Afriikaa 48ffaa Guraandhala 11-12, akkasumallee Yaa’ii ijoo Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaa Guraandhala 14-15 Finfinneetti taa’ama.

Yaa’iwwan kunneen hundi egeree diinagdee, siyaasa, hawaasummaafi siyaasa teessumaa naannawaa kan murteessan yoo ta’an, hundisaanii dachee Itoophiyaa, handhuura diiploomaasii Afriikaa, Finfinneetti keessummaa’u.

Magaalaan fakkeenya badhaafhina Afriikaa ta’aa jirtu bu’uuraalee misoomaa ijoo jireenya lammiilee fooyyessaniifi keessummoota dhufaniif hawwataa ta’an waggoota lamaan darban duriirsiteen gamanumaa guddugala turistootaa taateetti.

Misoomni kooriidarii, qarqarri laggeenii, daandiiwwan ammayyaa’an, magariisummaan magaalaa, hoteelonni sadarkaa isaanii eeggatan, geejjibni elektiriikaa babal’atee fi hojiileen ijoon hojjetaman Finfinnee giddugala konfiraansiiwwan idil addunyaaf filatamtuu taasiseera.

Akkuma Veenaan kufaatiirraa kaatee wiirtuu konfiransii taate Finfinneenis maqaa badaa ittiin beekamturraa bayyanattee urgaan kan nama waamtu taate kan jedhu ammoo Horn Review dha.

UNtti Komishinii Diinagdee Afriikaaf teessoo ta’uun dabalata, imbaasiiwwan 120 ol keessa buufataniiru.

Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, Afriikaanonni marti ittiin boonan ammoo geejjiba lammiilee Afriikaaf sadarkaa jalqabaatti filatamaa yoo ta’u kan Afriikaa seenee ba’u hundi Finfinnee qubachuun darba.

Diiploomaasii Afriikaa seen-duubee Koloniin qoramu, Finfinneetti dhiibbaa Koloniirraa bilisa waan gaggeeffamuuf biyyoota Afriikaaf haala mijataa uumuus barruun kun ni eera.

Itoophiyaan Zoonii daldala bilisaa Afriikaa (AfCAFTA) dursitee hojii eegalchiisuusheen, Finfinneen wiirtuu walitti hidhamiinsa Afriikaa ta’uu eegalteetti.

Afriikaanonni Finfinnee akka manasaanii 2ffaatti ilaaluun, Dubaayi ce’uun maalif barbaachise jechuu eegalaniiru.

Sagalee Afriikaa waltajjii addunyaarratti dhageessisuun haga Itoophiyaa kan gahus hin jiru.

Waggaa lama booda Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa 32ffaa Finfinneen keessummeessitus waltajjii guddaa sagaleen Afriikaa irratti dhageessifamu jedhamee eegamudha.

Maarree hawwattummaan Finfinnee akkasumaan hin dhufne, dadhabbii halkanii guyyaa 24/7 hojjetameeni.

Misoomni qarqara laggeenii xumurarra gahe ammoo Finfinnee caalmaan magaalaa filatamtuu Afriikaa ishee taasisa.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply