AMN PLUS-Bitootessa 24/2017
Ministeerri Karooraafi Misoomaa adeemsa waggoottan torbaa mootummaa jijjiiramaa fi karoora fuulduraa ilaalchisuun dhaabbilee Ministeerichatti waamaman waliin mari’ate.
Waltajjii marii Bitootessa 24 ilaalchisuun Ministeerri Karooraa fi Misoomaa dhaabbilee Ministeerichatti waamaman waliin qopheesserratti kan argaman Ministir Deetaan Ministeerichaa Obbo Siyyum Mokonnon waggoottan torban darban rakkoowwan garagaraa keessatti milkaa’ina gurguddoon kan itti galmaa’an ta’uu kaasan.
Dameewwan siyaasaa, dinagdee, qonnaafi tekinoloojiin bu’aaleen mul’atan galmaa’uu dubbatan.
Waggaa 7ffaa jijjiiramichaa yoo kabajnu injifannoowwan waggoottan darban argaman kunuunsaa rakkoowwan nu mudatanirraas barachaa badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf kan itti hojjennu ta’uu qabas jedhan.
Hirmaattotni waltajjichaa AMN PLUS dubbise tokko tokkos jijjiirama ummataan dhufe tiksuun badhaadhina biyyaaf hojjechuun qooda hundaa ta’uu dhaamaniiru.
Bulchaa Nagaraatu gabaase