Atileet Dirribee Waltajjii dorgommii Tiraakii giraand Salaam yeroo jalqabaaf dorgomame mo’atte

You are currently viewing Atileet Dirribee Waltajjii dorgommii Tiraakii giraand Salaam yeroo jalqabaaf dorgomame mo’atte

AMN – Bitootessa 28/2017

Atileet Dirribee Waltajjii dorgommii Tiraakii giraand Salaam meetira 1500 yeroo jalqabaaf dorgomame mo’atteetti.

Dorgommiin Jamaayikaa Kingistanitti dorgomamaa jiru halkan kan fiigame yoo ta’u Atileet Dirribeen fageenya kana daqiiqaa 4 sakondii 04.51’n xumuruun mo’atteetti.

Atileet Dirribee Waltajjii dorgommii meetira 800 tibbana dorgomameen lammaffaa bahuun qabxii argatte dabalatee walumaa gala qabxii 20 galmeessifteetti.

Dorgommii tiraakii giraand Salaam Kingistan keessummeessite har’a wayita xumuramu dorgommii guyyaa xumuraatiin meetira kuma 5 dubartootaan Atileet Ijjigaayyoo Taayyee fi Tsiggee Gabrasalaamaa qabxiisaanii fooyyessuuf ni dorgomu.

Dorgommii guyyaa jalqabaatiin Atileet Ijjiggaayyoo Taayyee dorgommii meetira kuma 3′ n tokkoffaa akkasumas atileet Tsiggee Gabrasalaamaa sadaffaa bahuun dorgommicha xumuraniiru.

Guyyaa har’aa meetira kums 3 diiraan Atileet Hagoos Gabrahiywootii fi Atileet Xilaahun Hayilee ni hirmaatu.

Atileetonni lamaan guyyaa jalqabaa dorgommii neetira kuma 5n hin milkoofne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply