Milkaa’ina hojiirra oolmaa riifoormii tajaajila mootummaafi bulchiinsaaf qooda fudhattoonni hundinuu xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban Ministirri Muummee Itti aanaa Obbo Tamasgeen Xurunee ibsan.
Leenjiin hooggantoota mootummaa federaalaaf mata duree ‘ Gahoominni tajaajila namarratti xiyyeefateef’ jedhuun guyyoota sadiif kennamaa ture goolabameera.
Ministirri Muummee Itti aanaa Obbo Tamasgeen Xurunee waltajjicharratti ergaa dabarsaniin riifoormiin tajaajila mootummaafi bulchiinsaa hojiirra waan ooluuf milkaa’inasaatiif hunduu xiyyeeffannoon hojjechuu qaba jedhan.
Tajaajilli mootummaa akka milkaa’uuf hooggantoonni hundinuu gaheesaanii bahuu akka qaban kan ibsan Obbo Tamasgeen Xurunee riifoormicha uummatni , mootummaafi siviil sarviisiin haalaan kan barbaadan ta’uus eeran.

Sadarkaa biyyaatti ijaarsi gurmaa’iinsa dhaabbilee hojjetamaa jiraachuu kaasuun riifoormiin tajaajila mootummaafi bulchiinsaa saffisaan hojiirra ooluun faayidaa olaanaa akka qabus dubbataniiru.
Naannoleen hundinuu ijaarsi siviil sarviisii saffisaan akka hojiirra oolu fedhii akka qaban eeruun kanaafis qophaa’ummaasaanii mirkaneessuu ibsuusaanii TO”tu gabaase.