Itoophiyaan ummattoota Sudaan Kibbaa deeggaruuf kutannoo qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) ibsan.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin ergaaa Pirezidaantii Itti aanaan Sudaan Kibbaa Beenjaamiin Bool Meel fidanii fi Pirezidaanti Saalvaakiir irraa ergame fudhachuusaanii ibsaniiru.
Pirezidaantii Itti aanaan Sudaan Kibbaa Beenjaamiin Bool Meel waliin marii bu’a qabeessa taasisuusaanii kan ibsan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) rakkoo nagaa fi siyaasaa wayitaawaa Sudaan Kibbaa furuuf, adeemsa hundagaleessa akka barbaachisu xiyyeeffannoo kenneera jedhan.