Yuunivarsitiin Finfinnee Waggoottaan 75 darbaan keessatti hayyoota kuma 200 fi kuma 80 ol biyya fi addunyaaf gumaachuu beeksiseera.
Yuunivarsitiin Finfinnee waggoottaan jijjiraamaa as rifoormii dhabbilee barnootaa olaanoo irratti taasifame hordofee Yuunivarsitii ofiin of danda’ee of bulchuu ta’uuf hojiilee gurguddoo hojjeete fi kabaja ayyaana hundeeffaama Wagga 75ffaa isaa ilaalchise midiyaaleef ibsa kenne jira.
Pireezidantiin yeroo Yuunivarsitii Finfinnee Samu’eel Kiflee (Dr.)Yuunivarsitichi hojii rifoormii tasifameen bajata mataasaan of danda’ee akka socho’uuf hojiilee gurguddoo hedduu hojjechaa jiraachuu himan.
Bara 2017 yeroo jalqabaaf barattoota qormaata biyyaalleessa darbaan qormaata fi ulaagaa matasaan dorgomsiisee barsiisuu egaleera jedhan.
Yuunivarsitichi guutummaan guututti of danda’uun ofiin of bulchuuf hojilee heedduu fi qorannoowwaan barbaachisaan taasisaa jiraachuu dubbataniiru.
Kabajni ayyaana hundeeffaama Yuunvarsitii Finfinnee Wagga 75ffaanis sirnoota garagaraan kan kabajamu ta’uun ibsameera.
Leensaa Hordofaatu gabaase.