Dureeyyiin Nezerlaandis carraalee Invastimantii mijataatti fayyadamuun hirmaannaa Invastimantii Itoophiyaatti qaban akka guddisan ministirri dhimma alaa Geediyoon Ximootiwoos (Dr) waamicha taasisan.
Ministirri dhimma alaa Geediyoon Ximootiwoos (Dr) Itoophiyaatti ambaasaaddara Nezerlaands Kiriistiin Piiren waajjira isaaniitti simatanii haasofsiisaniiru.
Dr. Geediyoon, harriirroo biyyoota lamaanii cimsuun haala danda’amurratti ambaasaaddarittii waliin mari’ataniiru.
Keessumaa riifoormiin waliigalaa mootummaan adeemsise carraa invastimantii mijataa kan uume waan ta’eef dureeyyiin Nezerlaandis fi kaampaaniinsaanii hirmaannaasaanii cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.
Gama biraan ministirichi, haala raawwii waliigaltee Piriitooriyaa wayitaawaa, nagaa fi tasgabbii naannawaa fi riijinii irratti ambaasaaddarattif ibsa taasisuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa ni mul’isa.