Obbo Abdallaa Sa’iid jiraataa Godina Baalee, Aanaa Goorootti jiraataa magaalaa Goorooti.
Maanguddoo kun re’ee tokkorraa ka’uun yeroo ammaa re’oota 360 horsiisaa jiraachuu dubbatu.
Hojii horsiisa re’eetiin jiruufi jireenya isaanii fooyyeffachuu bira dabranii namoota birootiifis hirkoo ta’aa jiraachuu himan.
Hojjachuuf qaamaan miidhamuufi umriin nama hin daangessu kan jedhan maanguddoon kun, hojii tuffachuu dhiisuufi aadaa hojii jijjiiruun hiyyummaa seenaa gochuun akka danda’amu dhaaman. Waajjira Kominikeeshinii Godina Baaleerraa odeeffanne.