AMN PLUS- Ebila 7/2017
Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun lammiileen Gabaa haqa qabeessa keessatti sirna bittaa fi gurgurtaa burjaajjii irraa bilisa ta’e akka taasifamuuf hojjechaa jira- Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Biirichi akkaataa gabaa tasgabbeessuu, daldala seeran alaa too’achuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuun danda’amu irratti caasaa bulchiinsaafi nageenyaafi kabachiisa dambii sadarkaan jiran waliin mari’ateera.
Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa, biirichi caasaa isaa sadarkaan jiru cimsuun sirni gabaa haqa qabeessi magaalattiitti akka jiraatuuf hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Ayyaanichaan wal qabatee hanqinni dhiheessii kamuu kan hin jirre ta’uu kan himan Aadde Liidiyaan, adeemsi bittaa fi gurgurtaa haqa qabeessi akka jiraatuuf caasaan bulchiinsaa fi nageenyaa qooda fudhattoota biiroo waliin ta’uu hojii too’annoo fi hordoffii cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Hirmaattonni marichaas, lammiileen karaa seeraa qabeessa ta’een qofa galteewwan ayyaanaaf barbaachisan bitatanii ayyaanicha akka dabarsaniif kutanoon kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Ayyaanichaan walqabatee daballiin gabaa mandhaleen akka hin uummanee fi seermaleeasummaan kamuu akkka hin jiraanneef tokkummaan hojjechuun barbaachisa ta’uu hirmaattonni kunneen dubbataniiru.
Sisaay Dirribaatu gabaase