Bara 2014 irraa eegallee lammiilee keenyaa guyyatti yeroo takkallee nyaata argachuuf rakkatan giddu galaa nyaataa 24 bannee nyaata qulqulluu, fayyaqabeessaa fi hoo’aa harka qalleeyyii, qaama miidhamtoota fi lammiilee rakkoolee hawaasummaa garaagaraatiif saaxilaman nyaachisaa jiraachuun keenya ni yaadatama.
Guyyaa har’aa immoo ayyaana du’aa ka’uu sababeeffachuun giddu galaa nyaataa kutaa magaalaa yekka, naannawa Guraaraatti 25ffaa fi kutaa magaalaa Boolee naannawa Mikaa’eliitti 26ffaa bannee jirra.Tajaajila eegalchiisneerra.
Giddu galoonni nyaataa har’a eegalchiisne naannolee garaagaraa magaalaa keenyatti bakka haara galfannaa jiraata kan turan fi harka qalleeyyii galii homaa hin qabne fi lammiilee keenya rakkoolee hawaasummaa adda addaatiif saaxilaman naannolee keessatti argaman waan ta’eef isaan yaada keessa galchuudhaani.
Giddu gala nyaataa 25ffaa kan nuuf ijaaran akkasumas baasii nyaataa kan nuuf uwwisan Waldaa Aksiyoon Ayaat fi Koomishinii Gumuruuka FDRE maqaa koo fi maqaa fayyadamtootaatiin galateeffachuun barbaada.
Rakkoolee keenyaa yeroo wal gargaaruun cehaa misooma keenya itti fufaaf immoo 24/7 hojjechuun badhaadhina Itoophiyaa ni dhugoomsina.
Ayyaana du’aa ka’uu Gaarii!
Waaqni Itoophiyaa fi Uummata Ishee Haa Eebisu!
– Adaanech Abeebee Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee