Ministeerri Tuurizimii dhaabbata ‘UNESCO’ waliin ta’uun Ambaasaddaroota teessoon isaanii Magaalaa Finfinnee ta’eef sagantaa daawwannaa kan qopheesse yoo ta’u Ambaasaddaroonni fi dipiloomaatonni 20 caalan hirmaachaa jiru.
Sagantaa daawwanna kanarratti Ministit Deetan Ministeera Tuuriziimii Obbo Silashii Girmaan humna Itoophiyaan damee tuurizimiin qabdu ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Itoophiyaan haambaalee idil addunyaa ‘UNESCO’ galmeesiste keessa inni tokko Paarkii Biyyalessa Gaarren Baalee ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.