“Dargaggoonni humna jijjiiramaafi ce’umsa guddina biyyaati” Aadde Saa’adaa Abdurrahman

You are currently viewing “Dargaggoonni humna jijjiiramaafi ce’umsa guddina biyyaati” Aadde Saa’adaa Abdurrahman

AMN PLUS – Ebla 20/2017

Sagantaa waldorgommiifi agarsiisa ogummaa, teeknooloojii, yaadama biizinasiifi qorannoo gochaa marsaa 6ffaa akka Oromiyaatti guyyaa har’a magaalaa Adaamaatti gaggaffamaa jiru irratti Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Saa’adaa Abdurrahman argamuun eegalchiisaniiru.

Sirna baniinsa isaa irrattis haasawaa taasisaniin dhaloota saayinsi, teeknoloojiifi kalaqaan ga’oome uumuuf hojjetamaa jira jedhan. Dargaggoonnis adda durummaan humna jijjiiramaafi ce’umsa teeknoloojii biyya ijaaru jedhan. Dargaggoonni kunis ogummaan of ijaaruun waa uumuufi kalaquun yaadama biisineesii haaraan hojjechuu qabu jechuun ibsaniiru.

Sadarkaa pirezidaantii itti aanaatti qindeessaan kilaastera magaalaa Obbo Masfin Malaakuu hojiin dargaggootaan hojjetamaa jiru imala badhaadhinaaf abdii guddaa kan uumu jedhan. Dhaabbileen sirnaan yoo hogganamanis rakkoo hawaasaa furuu akka danda’u eeruun agarsiisa dorgommii kanarras inisheetiviin indastirii godoon qabames milkaa’aa jiraachuu arginerra jedhan.

Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Obbo Eebbaa Garbaa gama isaaniin mootummaan naannoo Oromiyaa misooma interpinerii, barnootaafi teeknoloojiin Oromiyaa ijaaruuf hojjechaa jira jedhan. Yaadama biizineesiin ilaalchaa jiruun hojii tuffachuun hafee carraan hojii biyya keessaafi alatti uumamaa jiraachuus himaniiru.

Waldorgommiin kunis leenjistoota, leenjifamtoota, sochooftota IMX, abbootii kalaqaafi Intarpiruunoota yaada bizinasii qaban gidduutti kan taaasiifamu yoo ta’u,dorgomtoonni poolitekinikaa godinaaleefi magaalota irraa kalaqaafi oomisha isaanii qabatanii argamuusaanii BKO irraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply