Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin qorannoo raawwii hojii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ji’oottan 9 darbanii goolabneerra jedhan.
Magaalaa Finfinnee miidhagsuu, tuuristotaafi mijataa gochuu, hojimaata haaraa hojiirra oolchuu akkasumas qindoominaafi gahumsa hooggansaa cimsuun hojiiwwan hunda galeessa eegalle saffisaan xumuruun hojiiwwan baatii sagaliif karoorsine giddu galeessaan harka 93 milkeessineerra jedhan.
Dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa salphisuufis hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan, ba’aa jireenyaa furan hedduun raawwatamuu himan,harka qalleeyiiifi warreen biyyaaf oolmaa oolan bira dhaabachuun haqa hawaasaa mirkaneessuun danda’ameera, raawwiin piroojektotaa, galii walitti qabuu, dabalata gatiifi qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu, nageenyaafi tasgabbii, bu’uraalee geejjibaa babal’isuu, carraa hojii uumuu fi bajata magaalichaa harka 71 ta’u misooma waaraafi hiyyummaa hir’isuuf oolchuun keenya, aadaan hojii fooyya’aa dhufuun hojiiwwan ijoo milkaa’ina ittiin arganne keessaati jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebeen.
Qormaata cehaa, milkaa’inoota keenyatti osoo hin quufin cimina keenya waaressuun, hanqinaalee qorannoon adda bahan sababoota isaanii waliin adda baasuun hojii milkaa’ina caaluuf qophaa’uun, kenna tajaajila fooyyessuun, qaala’iinsa gatii hir’isuun, misooma kooridarii fi piroojektota hafan xumuruun akkasumas hattummaafi hojimaata badaa hambisuun akkaataa uummata keenyaaf waadaa galleen Magaalaa Finfinnee akka maqaa ishee miidhagsuufi jiraattotafi mijattuu gochuuf gahumsaan tajaajiluu keenya itti fufna jedhan.
Waaqayyo Itoophiyaafi uummatashee haa eebbisu jechuun Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa dabarsaniiru.