Duulli talaallii Ittisa dhibee Gifiraa qindaa’aan Magaalaa Finfinneetti Caamsaa 18 – 27, 2017’tti akka kennamu Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Hoogganaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dr Yohaannis Caalaa duula talaallii Ittisa dhibee Gifiraa Magaalaa Finfinneetti kennamu ilaalchisuun miidiyaaf ibsa kennaniiru.
Talaallichi daa’imman umuriin isaanii ji’a 9 hanga waggaa 5 gad ta’eef akka kennamu Hoogganaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dr Yohaannis Caalaa ibsaniiru.
Duula kanaanis daa’imman Kuma 600 fi Kuma 28 oliif talaalliin Ittisa dhibee Gifiraa qindaa’aan ni kennama jedhaniiru.
Sosochiin duula talaallii Ittisa dhibee Gifiraa qindaa’aan Wixata dhufu Kutaa magaalaa Lammii Kuraa, Buufata fayyaa Boolee Arraabsaatti akka eegalamus Dr Yohaannis himanii, maatiin daa’imman isaanii akka talaalchisan waamicha dabarsaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase.