Kantiiiban Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee bakka buutota hojjettoota mootummaa dhaabbiilee garagaraa Bulchiinsa Magaalaatti waliin Mari’ataniiru.
Marichis mata duree ” Siivil Saarvisii gahoome Badhaadhina Itoophiyaaf ‘jedhun taa’ame.

Maricharratti Kantiibaa Adaanech haasaa taasisaniin, Magaalaan Finfinnee hojiilee misoomaa garaa garaa faayamaa jirti jedhan.
Hawaasa Magaalaattii hojiilee misoomaa kanatti gammadoodha, tajaajilarratti garuu komii kaasaa akka jiru himan.
Komii kana furuuf Bulchiinsi Magaalichaa tajaajiltoota gahoomsuun cinaatti, kenninsa tajaajila dijitaaleessaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojjattoota hannaafi hojmaata badaa keessatti hirmaachun tajaajilamaa dhamaasan irratti tarkaanfin fudhatamu cimee itti fufa kan jedhan Kantiiba Adaanech, hojjattootni adda dureen kan jajjabeeffaman ta’uus kaasaniiru.
Guddataa Ajjamaatu Gabaase