Ameerikaatti Ergamaan Addaafi Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Binnaalf Andu’aalem Waayit Haawusitti Pirezidaant Doonaald Tiraamp waliin wal argan.
Ambaasaaddar Binnaalf wayita Waayit Haawus gahan, simannaan hariiroo Itiyoophiyaafi Ameerikaa calaqqisiisu godhameeraaf.
Itiyoophiyaafi Ameerikaan hariiroo cimaa waggoota 120 ol ture kan qaban yoo ta’u, biyyoonni lamaan gama nageenyaa, tasgabbiifi dinagdeerratti hariiroo cimaa uumuuf carraa bal’aa qabu.
Walargaan isaanii jalqabaa kun milkaa’ina mariiwwan gara fuulduraatiif gahee ol’aanaa qaba jedhame. Ambaasaaddar Binnaalf Andu’aalem Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliinis walarganiiru.Ameerikaatti Imbaasii Itiyoophiyaarraa odeeffanne