Diyaagoo Jootaa taphataan sarara fuulduraa Liveerpuul tibbana balaa konkolaataan lubbuun darbuun isaa ni yaadatama.
Shaampiyoonaan pirimeerliigii Ingilaandi bara wal-dorgommii darbee Liveerpuul sirnoota garaagaraan gadda taphatichaa qooddachaa jira.
Jootaan bara faranjootaa 2020 irraa eegalee hanga lubbuun darbeetti Liveerpuul taphachaa kan ture yoo tahu waggoota 2 itti aanan waliigaltees qabu.
Haata’uuti taphatichi balaa konkolaataan lubbuun darbuu hordofee Liveerpuul bara waliigaltee lamaan gara fuulduraatti qaban miindaa taphatichi argachaa ture osoo addaan hinkutiin maatii Diyaagoo Jootaaf akka kaffaluu ibsuu maddeen oduu idil Addunyaa dhimma ispoortii irratti hojjetan gabaasaniiru.
Diyaagoo Jootaa Liveerpuul dabalatee Atileetikoo Maadriid, Wolviisiifi Poortoof taphachuu seenaan dur-duree taphatichaa ibseera.
Iddoosaa Abdiitiin