Baankiin Oromiyaafi Bulchinsi Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun Hojii tola ooltummaa eegalchiisan

You are currently viewing Baankiin Oromiyaafi Bulchinsi Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun Hojii tola ooltummaa eegalchiisan

AMN PLUS- Adoolessa 2/2017

Baankiin Oromiyaafi Bulchinsi Magaalaa Finfinnee waliin tahuun Hojii tola ooltummaa Gannaatiin Manneen jireenyaa waliinii Abbaa Warraa 40’f kutaa Magaalaa Boolee Aanaa 4’tti ijaarsisuu eegalchiisaniiru.

Hoji Raawwachiisaa olaanaan kutaa Magaalaa Boolee Isheetuu Lammaa (Dr.) kutaa Magaalichaatti hoji tola ooltummaa Gannaatiin hojiilee baayyee hojjachuuf karoorfatanii hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan deeggarsa Baankii Oromiyaatiin gamoo abbaa darbii afurii kutaalee hawaasa harka qalleeyyii 40’f ijaarsisuusaaf galateeffataniiru.

Hoji Raawwachiisaa olaanaan Baankii Oromiyaa Obbo Tafarii Mokonnin ijaarsa gamoo kanaa yeroo gabaabaatti xumursiisuun hawaasaaf kan dabarsan ta’uu himaniiru.

Walitti Qabaan Boordii Daayireektarootaa Baankii Oromiyaa Asaffaa Simee (Dr.) baankichi sagantaa deeggarsa hojiilee hawaasummaa bocee hawaasa tajaajilaa jiraachuufi gara fuula duraattiis kan itti fufu tahuu himaniiru.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinneetti Itti aantuufi hoggantuun damee siyaasa Paartichaa Aadde Alamtsahaay Shifarraaw ergaa dabarsaniin, Magaalaa Finfinnee kutaalee Magaalattii hundatti hojiileen tola ooltummaa hedduun hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiilee tola ooltummaa gannaatiin namoota dhunfaarraa hanga dhaabbileetti, darbees hanga abbootiin qabeenyaa Magaalattii hedduun gahee olaanaa gumaachaa jiraachuu ifoomsaniiru.

Aadde Alamtsahaayi itti dabaluun fakkeenyummaa Baankii Oromiyaa duuka bu’uun dhaabbilee fi qaamoleen kamiyyuu hojii tola ooltummaa gannaatiin gaheesaanii bahachuu akka qaban waamicha dhiheessaniiru.

Qooda fudhattoonni hojii kanaas yeroofi qulqullina qabameefiin xumuruun tajaajilaaf akka qopheessan hubachiisaniiru.

Mahaammad Toofiq tu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply