Torbee daldalaa mata duree ‘Omishaaleen Itoophiyaa Badhaadhinaaf’ jedhuun eegalame kanarratti Oomishaaleen qonnaafi Indaastirii agarsiisaaf ni dhihaatu jedhameera.
Kantiibaa Itti aanaafi Hogganaan Biiroo Misooma Indaastirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay, agarsiisni daldalaa kun qophaa’uun sochii daldalaa magaalatti ammayyeessuufi gabaa tasgabbeessuu keessatti shoora olaanaa akka qabu himaniiru. Omishtonniifi fayyadamtoonni kallattiin bittaafi gurgurtaa akka raawwatanis ni gargaara.
Hoggantuun Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj gama isaaniin torbee daldalaa Magaalattitti qophaa’e kanarratti Oomishaaleen adda addaa guutuu biyyattiirraa dhihaachuu ibsanii, Oomishaaleen Qonnaafi Indaastirii giddu galichatti dhihaatan gatii madaalawaan akka dhihaatan beeksisaniiru.
Ministeer Deetaan Ministeera Daldalaafi walitti hidhaminsa Naannawaa Abdulhaakim Muluu(Dr) Sosochiiin akkasii diinagdee biyyaa si’eessuu, qaalaa’insa gatii tasgabbeessuu, Oomishaalee biyya keessaa beeksisuufi faayidaa hedduu kan qabu tahuu ibsaniiru.
Mahaammad Toofiq tu gabaase.