Yakkamtoonni konkolaattoota fe’umsaa 2 birrii miiliyoona 16’tti ilmaaman hatan to’atamuusaanii Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.
Daareektarri Kominikeeshinii Poolisii Finfinnee Komaandar Maarqoos Taaddasaa AMN dijitaal miidiyaatti akka himanitti gochi hannaa kan raawwate Waxabajjii 30/2017 Kutaa Magaalaa Boolee Aanaa 21 naannoo mana waliin jireenyaa Bulbuaa jedhamutti akka tahe himaniiru.
Namoonni yakka hannaa raawwatan shanan waardiyyaa waliin walii galuun konkolaattota fe’umsaa 2 kan dhaabbata Konistiraakshinii Soof Umar Tireediingi lakkoofsi gabateesaanii Koodii 3 A – 08160 fi Koodii 3 – A 07564 ta’e birrii miiliyoona 16 olitti tilmaaman halkan sa’aatii 5 irratti bakka dhaabatanii hatanii miliquusaanii himaniiru.
Poolisiin kutaa magaalaa Boolee hordoffii cimaa taasiseen Adoolessa 1/2017 konkolaataa Siinoo Tiraakii tokko Magaalaa Maqiitti, isa kaaniin immoo Magaalaa Adaamii Tulluutti to’achuun abbaa qabeenyaaf deebisuu himaniiru.
Waardiyyaa dabalatee namoonni yakkicha keessatti hirmaatan 6 kan to’ataman yoo ta’u dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu Komaandar Maarqoos himaniiru.
Namoonni yakkicha raawwatan waardiyyaa dhaabbatichaa tiin birrii miiliyoona 2 sii kennina jechuun yakkicha raawwachuun isaaniis ibsameera.
Wandimmaagany Asaffaan