Fooramiin Faayinaansii tumsa Baankii Biyyaalessaa, Ministeera Maallaqaafi Ministeera Karooraafi Misoomaatin qophaa’e galma Walgahii Baankii Daldalaa Itoophiyaatti adeemsifamaa jira.
Fooramii kana irratti haasawa kan taasisan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Obbo Maammoo Mihiratuun waggaa foyya’insii dinaagdee gooroo itti taasifamee irraa jalqabee seektara dinaagdee adda addaa irratti jijjiiramnii guddaan dhufeeraa jedhan.
Keessattuu bara baajata xumuramee kanatti maallaqnii sharafa alaa doolaara biliyoona 32.1 argamun danda’emeera jedhaniru.
Dhaabbilee invastimantii dhunfaa biyya keessaa jajjabeessuuf rifoormii tajaajila dhiyyeessi faayinaansii irratti hojjatameen dhaabbileen misoomaa oomishaa fi oomishtummaa dachaan akka dabalan taasisuun akka danda’ame Minsitirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee himaniiru.
Rifoormiin kun dinaagdee gooroo irratti erga taasifameen as bu’aaleen argaman akkasumas, kenna tajaajila dhiyyeessii faayinaansii misoomaaf ooluu foyyessuu irratti jijjiirama dhufeefi seektaroota dinaagdee gama faayinaansiin kallatti itti deeggaramuu danda’an irratti fulleeffachuun galma walgahii Baankii Daldalaa Itoophiyaatti Fooramiin Faayinaansii adeemsifamaa jira.
Kaasiyyyee Maanguddaatu Gabaase.