Sagantaan ashaaraa magariisa Itiyoophiyaa xiyyeeffannaafi beekamtii biyyoota hadduu argachaa dhufuun ibsame

You are currently viewing Sagantaan ashaaraa magariisa Itiyoophiyaa xiyyeeffannaafi beekamtii biyyoota hadduu argachaa dhufuun ibsame

‎AMN PLUS-Adoolessa 20/2017

Mootummaan Naayijeeriyaa hojii ashaaraa magariisaa deeggaruuf bilqiltuu Itiyoophiyaaf gumaache.

‎Mootummaan Naayijeeriyaa sagantaa ashaaraa magariisa Itiyoophiyaa deggaaruuf biqiltuu kaashaa jedhamu kuma 2 fi sanyii isaa 100 gumaachaaniiru

‎Biqiltuufi sanyii Naayijeeriyaadha ergamee buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti argamaanii kan fuudhan Minisitir Deetaa Ministira Qonnaa Ifaa Mul’ataa (Dr.) fi Ministeera Dhimma Aalatti Daayireekteerri Dhimmoota Afrikaa Jeneraalaa Ambaassaadar Zarihuun Abbabbaa yoo ta’an, Naayijeeriyaa bakka bu’uun gumaacha kan kennan Itiyoophiyaatti Ambaassaadar Naasir Amiinuufi saayintistii biqilltu Naayijeeeiyaa Ibraahim Doobaadha (Dr.).

‎Kennaan biqiltuufi sanyii kun hariiroo biyyoota lamaanii daran kan cimsuudha jedhan Ambaassaadar Zarihuun Abbabbaa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply