AMN PLUS- Amajjii 25/2018
Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa (AU) Mahaammad Alii Yuusuuf Ministira Dhimma Alaa fi Dhimmoota Misoomaa Yuunaayitiid Kiingidam (UK) Yiveet Kuuppar waliin mari’atan.
Marii isaaniin tumsa tarsiimawaa gamtichaa fi Yuunaayitiid Kiingidam dameewwan garaa garaan qaban cimsuuf murannoo qabaachuu beeksisaniiru.
Dura Taa’aan AU Mahaammad Alii Yuusuuf UK’n hariiroo bara dheeraa biyyoota Afrikaa waliin qabduu fi dippiloomaasii idil adduunyaa keessatti gahee bahattu ilaalchisee dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.
Keessumaa damee fayyaa, barnootaa, jijjiirama qabeenya qilleensaa, daldalaa fi kanneen biro irratti xiyyeeffannoo kennituuf galateeffataniiru.
Ministirri Dhimma Alaa UK, Yiveet Kuuppar, dippiloomaasii idil addunyaa fi misooma naannawaa irratti hoggansa gamtichi kennuuf dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.
Qaamoleen lamaan waltajjii tarsiimawaa olaanaa Landanitti waliin qopheessuuf waliigaluu isaanii odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa Komishinii Gamtaa Afriikaa (AU) irraa argame ni mul’isa.