Dirree Dhawaatti sagantaan ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo adeemsifamaa Jira

You are currently viewing Dirree Dhawaatti sagantaan ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo adeemsifamaa Jira

‎AMN PLUS- Adoolessa 24 /2017

‎Dirree Dhawaatti sagantaan ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo adeemsifamaa Jira.

‎Ajajaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaant Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa obbo Kadir Juhaar, Diyaaspooraan Dirree Dhawaa biyyoota adda addaa fi kutaalee hawaasaa adda addaa irraa ‘Dire Nafkot 4ffaa’ irratti hirmaachuuf dhufan sagantaa ashaaraa magariisaa kanarratti hirmaachaa jiru.

‎Letenaant Jeneraal Yilmaa Mardaasaan sagantaa kanarratti sagantaan, ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa ittisuuf gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan.

‎Sagantaan biqiltuu dhaabuu waggoota hedduudhaaf adeemsifamaa ture kun haala qilleensaa biyyattii fooyyessuu qofa osoo hin taane biyyoota biroof fakkeenya ta’a jiraachu ibsaniiru.

‎Sagantaa dhaabbii biqiltuu kanaan biqiltootni biyya keessatti qofa biqilan garaa garaa dhaabamaa jiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply