Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashadli Hassan sagantaan ashaaraa magariisaa sagantaalee bayyanachuu Itoophiyaa mirkaneessan keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru.
Pirezidaantichi sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo kanaan aanaa Aburaamootti biqiltuu dhaabaniiru.
Sagantaan Asharaa Magariisaa uwwisa bosona naannichaa fi guutummaa Ityoophiyaa dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaana akka qabu Obbo Ashaadiliin ibsaniiru.
Sagantaan kun sagantaalee bayyanachuu Itoophiyaa mirkaneessan keessaa tokko ta’uu eeraniiru. hawaasnis itti fufiinsaan irratti hirmaachuu akka itti fufu waamicha taasisaniiru.
Sagantaa ashaaraa magariisaa naannichatti hojiirra oolaa jiru bu’aa hedduu qabaachuu himuun, keessattuu Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa akka lolaa hin guutamneef kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.